Konyaan ABO Beljiyeem walgahii addaa qaama olaanaa ABO Kutaa Awuroppaa waliin gaafa 20/12/2008 miseensota isaa guutuu bakka argamanitti adeemsifachuun milkiin xumurateera.Guyyaa kanattis gabaasni hojii Dura ta’aa Konyaa tin dhiyaateera.Itti aanees, J/Asteer Gammada Miseensa Gumii Sabaa ABO (I/G odeessii fi barressituun ABO kutaa Awuroppaa) ibsa bal’aa fi gaafillee dhiyaataniif deebii quubsa kennaniiru.Miseensotni haaraa lama dabalataan yeroo kanatti masakamuun immoo milkii biroo walgahii kanaa ture. Dhimma ijoo marii keessaa
Marii miseensotaa kana boodas gaafa 21/12/2008, Hawaasa Oromoo biyya Beljiyeemitti argamuuf ibsi bal’aan erga kennameen booda yaada Oromummaa mariin milkii qabeessi godhameera.
Dhuma irrattis ibsa ejjennoo armaan gadii baasuun walgahichi nagayaan fi jaalalan xumurameera.
Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti
Konyaa ABO Beljiyeem
Mudde 20, 2008